Qerro Media Service - QMS's Post

Haala kam keessatti sagalee saba ofii ta'uun waan jajjabeeffamaadha!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Hagayya 27,2020
Finfinnee Oromiyaa

Gidiraa fi hiraarsa saba keenya Oromoo irra gahaa jiruun, du'aaf hidhaa bifa addaan nurratti adeemaa jiruuf gatiittii nuu taatanii nu cina dhaabbachuun; sagalee Oromoof ta'uudhaan addunyaatti ibsuu keessatti ilmaan Oromoo biyya alaa jirtan gaheen bahattan Qeerroo Bilisummaa Oromoo biratti baay'ee jajjabeeffamaa fi galateeffamaa ta'uu ibsuu feena.

Dukkana keessatti gaaga'ama saba keessan irra gahu ifatti baasuudhaan mootummaa abbaa irree humna saba daguuguuf wal ijaare saaxiluun addunyaaf himuun hojii tibbana itti jirtan hedduu nu boonse. Waliin hidda Oromummaa qooddannee dhalachuu keenyatti nu gammachiisee jira. Oromummaadhaan akkanaan wal cina dhaabbatanii gaaga'ama hammeenyaaf daguuggaa sanyii nurratti raawwataa jiru waliin qolachuuf qabsaa'uun akkaan barbaachisaadha. Kana hubachuudhaan ajjeechaa, hidhaa, guddeeddii Harmooliif obbolaa keenyaa, saamicha eenyummaaf lafaa nurratti adeemaa jiru balaaleffachuudhaan duula Imbaasilee mootummaa abbaa irre irratti taasisaa jirtan hedduu nu boonse. Qabsoon uummati keenya Oromoo London, Awustraliyaa, Ameerikaa, Netherland fi bakkoota garaagaraa taasisaa jirtan seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti boqonnaa furmaataa keessaa tokko ta'ee galmaa'ee akka ol taa'us shakkii hinqabnu. Kanneen imbaasilee mootummaa abbaa irree cufuudhaan seenaa galmeessan irraa fakkeenya fudhatanii Oromoonni biyyoota kaan jiranis tarkaanfii wal fakkaataa akka fudhatan gaafanna!

Haala kam keessatti sagalee saba ofii ta'uun waan jajjabeeffamaadha. Gurmaa'inaaf wal dhageettiidhaan afaan tokkoof yaada tokkoon duula jallinaa nu irratti baname balaaleffachuun akkaan nama gammachiisa. Qabsoo isin gootan kana Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan galateeffatu yoggaa ta'u, hanga furmaata waaraan biyya abbaa keenya Oromiyaa fi uummata keenya Oromoof argamutti cimtanii itti cichuun qabsoo akka itti fuftanis dhaammanna!

Injifannoon Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Hagayya 27,2020
Finfinnee Oromiyaa
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...