Qerro Media Service - QMS's Post

Oolmaa Dhaddachaa Jawaar Mohaammad'faa N-24
___
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa - Dhaddaacha Farra Shororkeessummaa Caffee Tumaa - Lidataatti argamu beellama darberratti qabxiiwwan afur armaan gadiirratti himanni akka fooyya'u ajajuun bu'aa ajajaa, eeguuf har'atti kan beellamee ture yoo ta'u abbaan alangaa himannaa fooyya'e gaafa 14/05/2013 barreeffame fuula 21 dhiyeessee jira.
1. Himannaan 3ffaa shororkeessummaa jedhamee himatamaa 1ffaa Jawaar Mohaammad'rratti dhiyaate sadarkaan isaa karoorsuu dhamoo qophii (መሰናዶ) agarsiisa kan jedhurratti abbaan alangaa sadarkaan isaa 'Qophaa'uu' (መሰናዶ) agarsiisa jedhee kan dhiyeesse ta'uu dhaddacharratti ibsameera.
2. Himatamaa 3ffaa, Hamzaa Booranaa ilaalchisee sabaahimaalee hawaasumaa addaa addaa kan jedhu kam faa akka ta'e ifa haa ta'u kan jedhu, 'Oromiyaa Miidiyaa Networki fi Feesbuukii isaa fayyadamuudhaan' ... jedhamee fooyya'uu abbaan murtii afaaniin dhaddachatti ibseera.
3. Himannaa keessatti 'Shanee' jedhamee kan ibsame gareedhamoo, nama dhuunfamoo, maali kan jedhu 'Garee Shanee jedhamu' ... jechuun fooyyessuusaa abbaan murtii afaaniin ibseera.
4. Qabxiin 4ffaan, himannoowwan 5-10 irratti himannaan meeshaa waraana seeran alaa dhiyaate labsii meeshaa waraanaa too'achuuf baheen yeroo cehumsa itti galmeeffamuu qabu keessatti waan qabameef, galmeessuuf ammoo danbiis ta'ee sagantaan bu'ura labsichaatiin bahe waan hin baaneef, mormii himatamtootaa gariin fudhatamee seera yakkaa biraa dhimma kana haguuguu malu jalatti himannaan fooyya'ee akka dhiyaata jechuun ajajamee ture.
Abbaan Alangaa Waliigala Federaalaa himanna isaa bu'uura ajaja mana murtiitiin foyyeeffadhe jedhee qabxii 1-3 irratti barreeffama fuula 21 ta'een yoo dhiyeessu qabxii meeshaa waraanaa ilaalchisurratti xalayaa mana murtiif barreesseen keewwatni kana haguugu akkatuma dura dhiyeessineen labsii 1177/2011 waan ta'eef seera biraa jalatti fooyyeffachuuf dandeenyu hin qabnu, manni murtii waan itti fakkaate haa ajaju jedheera.
Manni murtiis dhaddacharraa ka'ee daqiiqaa muraasaaf gara biirootti deebi'ee erga mari'atee booda dhaddachatti deebi'ee himannaawwan 5-10 jiran kan meeshaa waraanaa ilaallatu haquu isaa dhaddachaaf ibsee jira. Himannaan fooyya'e kun dhaddacharratti amma waan nu gaheef dhuguma akkaatuma ajajameen fooyya'e moo miti waan jedhu laaluuf hidhamtoota wajjiinis mari'achuuf beellama gababaa nu barbaachisa jechuun abukaatotni kan gaafatan fudhachuun jecha amantaa/waakkii fuudhuuf gaafa 19/05/2013'tti beellameera.
__
Hubachiisa:
1. Dhimma hooggantoota hidhamtoota siyaassa Oromoorratti keessattuu Galmee Jawaar Mohaammad faa ilaalchisee odeeffannoo dhugaa fi ifa ta'u hordofuuf raabsuuf, waabeffachuuf fuula kana qofa hordofaa.
2. Yaada Obbo Jawaar fi Obbo Dajaneen Dhaddacharratti dubbatan boodarra siniif dhiyeessina.
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...