Qerro Media Services's Post

Himatamtoota galmee Obbo Jawaar jala jiranirratti ragaa abbaa Alangaa dhaggeeffachuuf dhaddachi har'a taa'amuuf ture adda cite.
...
Manni murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataa olmaa beellama darbe irratti iyyata abbaa Alangaa kan ragaaleen golgaa duubatti naaf haa dhihaatan jedhu kufaa taasisuun, ragaaleen mullinaan dhihaatanii jecha ragummaa akka kennataniif, har'atti beellama bulfachuunsaa ni yaadatama.

Guyyaa har'aas himatamtoonni galmee Obbo Jawaar Mohammad jala jiran beellama mana murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataatti, himannoo isaanitti banameef ragaa abbaa alangaa dhaggeeffachuuf mana murtiitti dhihaataniiru.

Manni murtiichaas ragaa dhaggeeffachuuf dhaddacha erga saaqee booda, ragaa dhaga'uun akka dhaabbatu ajajni mana murtii walii gala Federaalaa irraa sababa dhufeef, dhaddachi akka addaan citu taasifamuu Abukaattoon hidhamtoota siyaasaa Oromoo Obbo Gammachuu Guutamaa OMN-tti himan.

Akka Obbo Gammachuun jedhanitti, sababa Abbaan Alangaa murtee mana murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataa mormuudhaan ol iyyannoo fudhateef jecha, guyyaa har'aa dhaddachi addaan cituuf dirqameera. Haa ta'u malee garuu, Abbaan Alangaa ol iyyannoo fudhachuusaa hanga ammaatti Gurmuun abukaatoos ta'e himatamtootni akka quba hin qabne dubbatu.

Xalayyaan ajaja mana murtii walii gala Federaalaa kun guyyaa afur dura kan barreeffame ta'us, Abbaan Alangaa amma yoonaa xalayyaa kana isaan hin qaqqabsiisin jiraachuunsaa, akka nuti irratti qophoofnee falmiif of hin qopgeessineef itti yaadamee kan taasifamedha jechuun himatamtootni muffii isaanii dhaddacha irratti akka dubbatanii turan Obbo Gammachuun himaniiru.

Xumurattatis guyyaa borii jechuunis Eebila 6,2013tti ol iyyannoo abbaa Alangaa fudhateef ilaalamuuf, mana murtii walii gala Federaalaatti beellamni jiraachuusaa Abukaattoon hidhamtoota siyaasaa Oromoo Obbo Gammachuu Guutamaa himaniiru.
By: via Qerro Media Services

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...