Qerro Media Service - QMS's Post

• Jawaris ta’e Dr.Haayileen jijjiirama sirnaa booda, mootummatti amanuun biyyatti deebii’uufi carraa kennanii gorsaaafi yaadaan mootummaa bira dhaabbachuu isaanii.

• Gaaffiin Oromoo Itiyoopiyaa keessatti deebifama yaada jedhuun ilaalcha mirga sabootaa giddu galeeffatu qabaachuu.

• Yaada sabdaneessummaatti amanuun fudhachuu

• Bultii jireenya isaanii biyya alattti raawwachuudhaan, daa’imaafi haadha warraa isaanii biyya alaatti dhiisanii, biyya ofiif hojjechuuf gara biyyaatti dhufuu

• Dr.Haayileen biyya alaa keessatti, afaan Oromoo guddisuuf, Diraamaa, Tiyaatiraafi seerluga afaan Oromoorratti hojjechaa dabalataanis siyaasa Oromoo
sadarkaa biyyaalessaatti guddisuuf paartii dhaabuun socho’aa kan ture yeroo ta’u, Jawar Mohammadis afaan Oromoofi Siyaasa Oromoo addunyaatti mullisuuf, OMN miidiyaa siyaasaa afaan Oromootiin banuun hojjechiisaa tureera.

Dugdeebii Mootummoota lamaanii Hayyoota lamaaniif...

Mootummaan Dargii erga lafa of qabsiisee jabaatee booda, hayyoota hedduu ajjeesuufi hidhuu akkasumas biyyarraa hari’uu akka eegale armaan
olitti ilaaleerra. Gochaafi shira mootummichaatiinis bara 1971 Dr. Haayileen halkaniin butamee, ajjeefamuusaas barreeffama olii keessatti agarsiisuuf yaalleerra. Egaa galatnii dadhabbii Dr. Haayilee Fidaa xumurarratti ajjeefamuu ta’us, yaadaafi hawwiinsaa ilmaan horee dhaloota isa fakkaataniin finiinuu danda’eera. Gaaffileen uummata Itiyoopiyaa hedduun deebi’uu baatanis, kan yeroosiirra fooyya’insi mullateera.

Mootummaan ODP /Dr.Abiyyis/ erga gara angootti dhufee har’a waggaa sadii guutuuf adeema. Jijjiiramuu mootummaa ADWUI boodaanis hayyootni biyyattii gara biyyaatti dhufan heedduunis mullataniiru. Taateewwan ajjechaa fi hidhaan garaagaraas akkuma bara Dargii sanatti namoota mootummaatti amananii gara biyyaatti dhufan hedduurratti ta’eera. /hidhaa seenuun kolanel Gammachuu Ayyaanaa fakkeenya nuuf ta’uu danda’a/ Haaluma kanaanis, Dr. Abiyyi erga of jabeessaa dhufee akkuma mootummaa Dargii
bara sanaatti faara jijjiirrachuun, Onkoloolessa 11/2012 halkan qixxee aggaammii hidhaa haa ta’u ajjechaa Jawaar Mohammad irratti yaaluunsaa ni yaadatama.

Ta’us akka Dargiin Dr, Haayileerratti milkaa’e mikaa’uu hin dandeenye, Jawariif uummatni birmachuun oolfateera.

Egaa walfakkeenyi taateewwan bara Dargiifi Dr.Abiyyi akkasumas Seenaa Dr.Haayilee Fidaafi Obbo Jawar garamitti akka adeemu warra jiraatanii argan rabbii nu haa taasisu jechaa, akka dhaamsaafi yaadaatti mata duree itti aanu jalatti waanan jedhus qaba.

Seenicha Darberraa Akkamiin Haa Barannu?

Mootummaan dargii utuu hayyoota gurguddoo sana hin ajjeesne ta’ee, tarii kufaatiin hamaan isa mudate isa hin quunnamu ture. Biyyi Itiyoophiyaas carraa garbummaa haaraatti darbuuf saaxilamuu hin qabaattu turte. Dr.Haayilee Fidaanis utuu Dargii amanee itti of gadhiisuurraa of qusateera ta’ee, yoona kaayyoofi yaadasaatiin milkaa’ee sabasaa biliisummaan jiraatu ni arga ture.

Kanaafuu akka barnootaatti wanti nuti qabachuu dandeenyu, Mootummaan kun bara bittaasaa dheereffachuuf jecha, hayyoota ija biyyaa ta’an ajjeesuun egeree biyya kanaa balleessuu waan ta’eef, of qusachuu danda’uutu irra jiraata.

Dabalataanis, hayyoonni keenyaafi biyyattii ija amanteetiin mootummaa kana ilaaluu dhiisanii, of eeggachaafi yaadasaanii ariitiin hojiitti hiikaa yoo deeman, fuuldura uummatasaanii ifa taasisuu waan danda’aniif, of eeggannoofi iccitiidhaan adeemuutu irra jiraatan jedha.

Horaa bulaa deebanaa!

Lalisaa Idiris Adam

Gullallee Post

(Morri /article'n kun ji'a 8 dura, yeroo aggaammiin ajjechaa Obbo Jawaar Mohaammad irratti godhame kan barreeffame ture. Yeroo ammaa kanatti, Obbo Jawaar akkuma Dr.Haayilee Fidaa bara sanatti mana hidhaa keessatti argama)
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...