Qerro Media Service - QMS's Post

Gumii Ijoollee Oromoo jedhamu biyya Jaarmanitti dhaabuudhaan, hayyootaafi Barattoota Oromoo biyya alaa jiran walitti qabuus eegale. Dr. Haayilee Fidaa haadha warraasaa fi Daa’immansaa biyya Faransaayitti dhiisuudhaan, Mootummaa Dargii mootummaa gaaffii uummataa deebisuu danda’u akka ta’uuf deggersa beekumsaan bira dhaabachuuf akkasumas paartii mataa isaa dhaabuun yaadaafi ilaalcha ofii lafa qabsiisuuf, falaasama sooshaalizimii mootummicha barsiisaa waliin hojjechuuf jecha gara biyya abbasaatti kan dhufe ture.Yeroo dargiin hirrina beekumsaan dogoggora uumutti gorsaa, uummatas barsiisaa biyya Diimokiraasoftuu uumuuf yaalii guddaa godhuu eegale.

Haaluma kanaan utuu hedduu hin tarkaanfatinis rakkoodhaaf saaxila ba’e. Amaloota mootummaa Abbaa Irree keessaa muraasni humnatti amanuutiin, sababa hirrina ofitti amanamummaa namoota beekumsa qaban ajjeesuu, hidhuufi biyyaa hari’uudha. Mootummaan dargiis gochuma kana fakkaatuun Dr.Haayilee galaafate. Gochiifi amalli kunis kan inni mullatu erga barri darbee ta’us, seenaawwan darban irraa haala ammaa ilaaluunis ni danda’ama.

Jawar fi Dr. Abiyyi

Akkuma sirni Dargii hayyoota hedduu sababa hin beekamneen ajjeesee, kaan isaaniimmoo biyyarra hari’e, mootummaan Itiyoopiyaa bara ammaas gocha wal fakkaataa raawwachuu eegaleera. Seenaa Dr. Haayilee Fidaa armaan olitti ilaalleen wal bira qabnee yoo ilaalle, gochaan Dargiin Dr. Haayile irratti raawwate, gacha Dr. Abiyyi Obbo Jawar fi hayyoota Oromoo kan biroorratti raawwachaa jiruun akka itti wal fakkeenya qabutu jira.

Seenaa qabsoo Oromoo yeroo dhihootiin, warraaksa dhaloota qubee keessatti namni adda durummaan maqaan isaa kaafamu, Xiinxalaa siyaasaa Obbo Jawar Mohammadidha. Jawar ilma Oromoo Oromiyaatti dhalatee guddate yeroo ta’u, barnoota sadarkaa 1ffaa hanga 2 ffaas biyya keessatti barachuun, Digiriisaaf carraa biyya alatti barachuu argatee Iskoolaariidhaan biyya Singaapooritti
adeeme.
Turtiiwwan barnootaaf biyya alaa turettis siyaasa Oromoo keessatti hirmaachuufi hirmaachisuudhaan nama ijaaruufi qabsoo Oromoo addunyaatti beeksisuuf Miidiyaalee gurguddaarratti Oromummaa lallabuu eegale.

Dhageettii argachaa akkuma dhufeenis, hayyoota Oromoo kan biroo faana ta’uun, Miidiyaa OMN bu’uresse. Miidiyaan sunis seenaa haaraa hojjechuun dirree sagalee uummataa ta’uu danda’e. Qeerroofi Qarree Oromoo hedduus qabsoof kakaasuun cancala ittiin yaada wal qaqqansiisan uume.Wareegamaafi aarsaa danuu boodas mootumma Wayyaanee dadhabsiisuun danda’aame.

Bara 2014-2017/18 ttis qabsoo walitti fufaa uumanni Oromoo taasiseen, mootummaan biyyattii Obbo Haayilamaaram angoo gaddhiisuuf xalayaa galchate. Akkuma yaadames mootummaan Wayyaanee laaffaachuun, OPDO’n gara angootti dhufe.Yeroo kanas egaa hayyoonni Oromoo OPDO’n akka karaa Diimokiraasiitiin adeemuun mootummaa ce’umsaa hundeessuuf qaqqabutti abdachuun, yaadaafi beekumsaa deggeruuf gara biyyaatti dhufuu eegalan. Hayyoota gara biyyaatti deebi’an heedduu keessaas Jawar Mohammad isa tokko yeroo ta’u, erga biyyatti deebi’ees, OPDO’n mootummaa gaaffii uummataa deebisuu akka ta’uuf, harka irra qabuun, jabeessuu fi paartilee siyaasaa Oromoo waliin walitti isaan araarsuuf yaaluu, gorsaafi yaadaan tooratti isaan deebisuuf tattafachuun yeroosaa kannee hojjechuu eegale.

OPDO’n gaaffii Oromoo, yaada federaalaatiin biyyuma Itiyoopiyaa keessatti akka deebisui danda’utti amanuudhaan, carraan kennameefi akka yeroon kennamuuf taasisuun ilaale. Gaaffii Oromoon alattillee, gaaffiin sabummaa saboota kan biroo akka deebi’uu danda’uuf of kennee hojjechuu eegale. Kanaafis fakkeenyi yeroo dhihoo, gaaffii naannummaa uummata Sidaamaa deggaraa turuusaati.

Seenaa Dr. Haayilee fi Jawar keessaa warreen wal fakkaatanis kanneen armaan olitti kaafaman yeroo ta’u, akka ifa ta’uu danda’utti ammoo qabxiileen qooduun akka armaan gadiitrti agarsiifamuuf yaalameera.

• Jawar fi Dr. Haayilee hayyoota siyaasa Itiyoopiyaa jijjiiruu keessatti gumaacha guddaa qaban ta’uu isaanii.

• Lachan isaanii ilmoo Oromoo carraa barnoota alaa argachuudhaan biyyaa ba’anii, biyya alaa keessattis Oromummaa jabeessuurratti hojjechaa turanidha.
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...