Qerro Media Service - QMS's Post

Wal Fakkeenya Seenaa Dr. Haayilee Fidaa fi Obbo Jawaar Mohaammad
( Gulale Post , Onk. 2012 ALH)
-----
SIRNOOTA MOOTUMMAA FI HAYYOOTA UUMMATAA
....

Dargii fi Dr. Haayilee Fidaa
...
Bara kudha sagal jaatamoota keessa, Itiyoopiyaan sochii warraaksa barattootaa keessummeessuudhaan sirna cuunqursaa ofirraa fanqolchuuf yeroo itti milkaa’uu eegalte ture.

Sochiiwwan barattootaan godhaman dabalatee namoonni siyaasaa gurguddoonis yaadaa fi beekumsa isaaniin uummata ofiif ifatti hojjechuu
yeroo isaan eegalan baruma kana keessa.

Kufaatii sirna Haayile Sillaaseen boodas dhufaatii sirna Dargii faana dhahuun, hayyoonni siyaasaa ilaalcha garaagaraa hordofan caasaa bulchiinsaatti hirmaachuuf mootummaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachaa akka turan seenaan ragaa ba’a. Haalli kun ammoo jaalala biyyummaa dabalatee, yaadaafi
fedhii, uummata ofiif hojjechuuf
isaan qabanirraa kan madde ture.

Hayyoota gurguddoo mooutummaa Dargii waliin hojjechuuf dhufan keessaa Dr. Haayilee Fidaa isa tokko yeroo ta’u, caasaa mootummaa Dargii qajeelchuurraa hanga Diimokiraasii lafa qabsiisuuttis, beekumsaafi dandeettii isaatiin gumaacha taasisaa akka ture, kitaaboleen seenaa ni himu.

Haata’u malee, Mootummaan Dargii erga lafa qabachuusaa mirkaneefffatee booda hayyoota jaalala biyyasaaniif jechaa gara biyyaatti deebi’uun uummata isaaniif hojjechaa jiran tokko lamaan funaanee hidhuu fi ajjeesuu eegale.Gariin maqaa ‘Qay shibbir’ jedhuun yeroo ajjeesu, warra kaan ammoo Mana hidhaatti darbachuun akka dararaman taasise KitaabniSeenaa Dhuunfaa Haayilee Fidaa ibsu akka jedhutti “…Dr. Haayilee Fidaa haalota bara sanaa ilaalcha keessa galchuun walitti dhufeenya Dargii waliin qabu cimsachuutti ka’e. Bara 1967 Sisaay Habtee nama jedhamu, qondaalticha olaanaa Dargii waliin, Dhimma Ektiraa irratti marii eegaluun hojiitti seene. …Dr.Haayilee Fidaa Mootummaa Dargii jabeessuun kallattii Diimokiraasitti fiduuf waan humnasaa hunda gochuudhan qabsaa’e.” jechuudhaan ragaa ba’a.

Akka Shallamaa kabbee kitaaba “Seenaa Gootota Oromoofi kaan” jedhu keesatti ibsetti, Dr. Haayilee Fidaan, dhiimma Oromoorratti yaadni inni qabu, Oromoon akka sabaatti gaaffii qabaatus uummattoota Itiyoopiyaa kaanirraa fottoqee qafaatti biyya ijaarrachuun utuu hin taane, Itiyoopiyaadhuma keessatti, gaaffiin inni qabu saboota kan biroo waliin deebi’uufii akka qabu amanuusaadha.Kana jechuunis yaada federaalawaa qabaachuusaakan agarsiisu ta’ee, garaa garummaan sabootaa jiraatee, mirga biyyattii keessa jiraachuu fi lammummaa qabaachuu danda’uu sabootaas deggeraa turuusaati.

Yaada kanas Itiyoopiyaa keessatti dhugoomsuuf kufaatii Haayile Sillaaseen booda, sirna haaraa Dargii dhufetti fayyadamuuf bara 1967 tti, mootummaa Dargii keessatti jijjiirama fiduuf ifattii hirmaannaa eegale. Haa ta’u malee, Mootummaan Dargii erga lafa qabateen booda, hayyoota gufuu abbaa hirrummaa ta’uu danda’an of jalaa kaasuuf tarkaanfii fudhachuu eegale.Namoota gurguddoo, humna barateefi beekumsa qabanis maqaa “Qay shibbir” jedhamuun ajjeesuu jalqabe.Haaluma kanaan, Dr. Haayilee Fidaas karoora ajjeesuu keessa galfachuudhaan humna poolisii halkaniin akka mana Dr.Haayilee Seenanii isa qabantaasise. Bara 1971’ttisakkuma yaadetti milkaa’uun Dr. Haayilee butuudhaan ajjeesee dhoksuu danda’e.

Dr. Haayilee Fidaan Oromiyaa keessatti dhalatee guddachuudhaan, Cunqursaa saba Oromoorra ga’u mormaa hanga digirii jalqabaa eebbifamuutti biyyuma keessa ture.Digirii 2 ffaa fi 3ffaa isaa hojjechuufis, Carraa barnoota biyya alaa argachuudhaan gara biyya alaatti deeme.Bara barnootasaakeessattis, dhimmoota gurguddoo Oromummaa ijaaruu danda’an bocuutiin waltajjii
marii uumuu egale.Qubee Afaan Oromoo kalaquurraa hanga seerluuga Afaan Oromoo qorachuuttis adeeme. Kitaaba seerluuga afaan Orommo “Hirmaataa Dubbii” jedhus barreessee maxxansaaf qaqqabsiise. Afaan Oromoo Afaan aartii taasisuufis Tiyaatira muta dureensaa “Bara Birraan Bari’e” jedhu barreessuun Oromootti agarsiise.
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...