Qerro Media Service - QMS's Post

ODUU

Miseensonni Mana Maree Ameerikaa Haala Yeroo Itiyoopiyaa Ilaalchisee Ministrii Dantaa Alaaf Xalayaa Barreessan

VOA

Qoodi


WAASHINGITAN, DIISII —

Bakka buutonni mana maree Yunaaytid Isteets 20 tasgabii-dhabinsa Itoopihyaa keessatti dhiheenya uumame irratti yaaddoo guddaa qabna, jechuudhan ministira haajaa alaa Yunaaytid Isteets Mike Poompiyootti xalayaa barreessan.
Xalayaan bakka buutuu Kutaa Kaalifoorniyaa fi Koree dhimmoota alaa kan Mana-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis keessaa ka tajaajilanii fi koricha keessatti dura-teessuu birkii Afrikaa, Fayyaa sadarkaa addunyaa, Mirga Dhala Namaa fi jaarmayaalee idil-addunyaa ka tahan Karen Bass dabalatee bakka buutonni 19 kaaneen Maayik Poompiyootti Hagayya 21, bara 2020 barreessan kun, humnoonni naga-eegumsaa dhiitaa mirgaa namoomaa geessisaa jiraachuu, walitti bu’iinsi sanyii, amantii uummamuunii fi biyyittiin karaa dimookiraasii irraa maquu ilaalchisee gabaasaaleen bahan yaaddeessoo ta’uu ibsee kunis kan haala akkaan hammeessuu fi kan tasgabii dhabinsatti geessu, jedha.
Kanaafis, nageenyi lammiiwwan nagaa akka eegamu fi mariin deemookiraasii jajjabeessuu akka geggeeffamu ministirri haajaa alaa Yunaaytid Isteets mootummaa Itoophiyaa fi kanneen dhimmi kun laallatu wajjin akka dubbatu gaafata.
“Itoophiyaan tasgabii dhabde jeequmsii, wal-qoodhinsi fi namoonni ilaalcha siyaasaan itti himataman Yunaaytid Isteetsiif waahila abdachiistuu ta’uu in maltu,” kan jedhu xalayaan kun, muummeen ministiraa Itoophiyyaa Abiyyi Ahimad hidhamoota siyaasaa mana hidhaatii baasuu fi filannoo bilisaa geggeessuuf waadaa galuun isaanii tokkummaa biyyattii jabeessuf mul’anni qaban akka jirutti ta’ee, tahus, ammallee wantoota yeroo taayitaa qabatan waadaa galaan hojiirra oolchuuf hojii bayyeetu hafa jedha.
Ji’oota muraasa darban keessa Itoophiyaa keessatti dimookiraasiin duba dubee sigigaatera, mirgi yaada ofii ibsachuu dhiphachaa dhufuun, hoggantoonii siyaasaa paartii mormituu fi gaazexeessoonni hidhamuun kanaaf agarsiisa tokkoo, kansas dhabbileen mirga dhala namaatiif falman kan akka Amnestii Internaashinaalii fi Human Rights watch ajjeechaa artiis Haacaalu duraayyuu beeksisaa turan, jedha xalayaan kun.
Bakka buutonni ummataa Yunaaytid isteets kun marii paartiilee siyaasaa hirmaachise geggeessuu dabalatee kanneen fala taha jedhanillee xalayicha Ministara Dhimma-alaa Maayik Poompiyoof barreessan keessatti eeranii jian.
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...