Qerro Media Service - QMS's Post

Gidduu kana sirna gadaa akka akaakuu barnoota tokkootti manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti kennina jedhan kan jedhu mata-duree dubbii ta’ee jira. Ofii kan akkas jedhe warruma Hacee ajjeesemoo kan biraati? Warruma hooggantoota Oromoo hidhee, daa’imman ajjeesee haawwan Oromoo boosisaa jirumoo kan biraati? Isaanuma Oromoo kumaatamaan hodhaatti guuran sanaa ofii moo kanbiraati? Kan jiru sirna nafxanyaati. Nafxanyaan immoo ‘kaleessas, har’as, boris diina.’

Sirni nafxanyaa dhimma sirna gadaa barsiisuuf hinqabu, gaafa nanbarsiisa jedhe ka’ellee galata dhabi jennee gara hojii keenyaa deebi’uu qabna. Hojiin keenya sirna nafxanyaa hiddaan buqqifnee darbannee mirga abbaa biyyummaa gonfachuudha. Daa’imni keenya mana barnootaatti maal akka barachuu qabduu fi hinqabne kan murteessuu dandeenyu gaafas qofa. Namni biyya ofii harkaa hinqabne sirna barnootaa irraa tu’annoo qabaachuu hindanda’u. Inni kanaa as jiru hojii sirna nafxanyaa hojjechuu irra darbee homaa ta’uu hindanda’u. Waan jarri jette harkaa fuunee afarsuun of arrabsuudha. Kan jarri duruma waliin mari’attee nuti gadaa akaakuu barnootaa keessaa tokko goona jennaa isin immoo akkamitti gadaan barsiifamuu hinqabu jedhaa dudhaa Oromoo arrabsaa jettee hojii waliif qoodde bobbaate, abalu akkas jedhe abalummoo akkas jedhe jennee dhagaa guuraa ooluu hojii keenya dagannee hojii diinaa hojjechuu ta’a. #Abiy_Must_Go!

( Etana habte )
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...