Qerro Media Service - QMS's Post

Manna Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaa Dhaddacha Lidataa Dhaddacha Har'a Ooleen Iyyaannoowwan Beellama Darbeerratti Ajaja Kennee Jira

---
1. Ajajoonni mirga namoomaa waliin walqabatan yeroo tokko kennamnaan itti fufiinsaan hojiirra oolu qabu. Kanaaf himatamaa 1ffaan, Jawaar Siraaj Mohaammad, maatii isaa Ameerikaa jiran waliin yeroo tokko qofa walqunnamsisuun sirrii hin turre. Armaan booda yoo xinnaate torbanitti yeroo lama maatiisaa gama WhatsApp'n akka dubbisuu danda'u ajajameera.

2. Himatamaa 1ffaa, Jawaar Siraaj Mohaammad, dabalatee meeshaaleen barreeffamaa fi kitaabonni isaan barbaachisan akka galaniif Poolisiin Federaalaatiis akka raawwachiisu ajajameera.

3. Himatamtootni Abukaatotaa isaanii waliin yeroo gahaan ramadameefii akka wal argan Poolisiin Federaalaas akka raawwachiisu ajajameera.

5. Himatamtootni 1ffaa fi 2ffaan hoogganoota siyaasaa waan tahaniif wahiloota hojii paartii (hoogganoota KFO) fi hiriyoota isaaniitiin walarguu akka danda'an kan gaafatan tahus sababa labsii yeroo muddama Koronaatiin kuni dhorkameera jechuun gaaffii kana manni murtii kufaa godheera.

6. Himatamtootni Qorannoon Koronaa hin taasifaminiif akka taasifamuu qabu Dhaabbatni Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa fi Poolisiin Federaalaa akka raawwachiisan ajajameera.

7. Himatamaa 11ffaan (Shamsaddiin Xahaa) miidhaa sababa reebichaatiin irra gaheef bakka barbaadutti yaalumsi akka taasifamuuf poolisiinis akka raawwachiisu ajajameera.

8. Itti gaafatamaan Kutaa Bulchiinsa Poolisii Finfinnee sababa himatamtoota 4ffaa - 9ffaa jiran dhiyeessuu dadhabeef akka ibsu ajajamus dhiyaatee hin ibsine. Kanaafuu, Poolisiin Federaalaa itti gaafatamaa kana sa'aa 24'f hidhee beellamatti akka dhiyeessu ajajameera.

9. Poolisiin Federaalaa shakkamtoota hunda beellamatti akka dhiyeessu ajajamee ragaa qorannoo duraa dhagahuuf 26/12/2012 Sa'aa 3:30'tti beellamamee jira.
---
Finfinnee, Oromiyaa
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...