Qerro Media Service - QMS's Posts

Yaadadhaa! Jawaar, Baqqalaa fi namootni isaan waliin turan marti Waxabajjii 30, 2020 gaafa qabaman ‘reeffa Hacaaluu Amboo geeffamaa ture humnaan Finfinneetti deebistan’ kan jedhuun hadheeffaman ture. Gidduu qabaman sana himannaan diinota irraa dhaga’ame tokko kana ture. Kun qofti jara qabanii tursuuf ga’aa akka hintaane gaafa hubatan poolisii Oromiyaa guyyaa gaafasii mooraa Giddugala Aadaa Oromoo keessatti lubbuun darbe kan ajjeese eegdota Jawaari kan jedhu itti eda’an. Gidduutti ragaan qorannoo yakkaa ajjeechaa poolisii Oromiyaa gaafas du’een walqabatee miliqee ba’e poolisichi kan du’e rasaasa dogongoraan harka isaa keessaa dhuka’een akka ta’e ibsee eegdonni Jawaar bilisa akka ta’an agarsiise (maxxansa Afaan Amaaraa Tsegaye R Ararssa kan Hagayya 6 ilaali; Afaan Oromoof kan koo ilaali).

Amma akkuma agartan himannaan Jawaar, Baqqalaa fi namoota isaan waliin jiran hunda irratti baname dirribii 10 ta’us mata-dureen himannichaa shororkeessummaa kan jedhu ta’ee jira. Waa’ee reeffa Hacaaluu fi du’a poolisichaa maqaaf qabiyyee himannaa keessa jiraatus hirraanfatamee jira. Himannaa Jawaar, Baqqalaa fi namoota isaan waliin jiran irratti har’a baname keessatti dhimmoonni kun lamaan maqaaf kaafaman malee akka dura dhiyaatanitti mata-duree himannaa ta’anii akka hindhiyaanne dookumantiin himannichaa har’a banamee ni addeessa. Himannaan jalqabaa kun lamaan maaliif hafe?

Akka namootni akka kiyyaa jedhanitti osoo hintaane akkaataa diinni Oromoo Abiy Ahmed yaadutti durumaa rakkoon jiru isaan kana waliin hidhata hinqabu jechuudha. Kana jechuun Jawaarii fi Baqqalaan osoo gaafa Waxabajjii 30, 2020 bakka reeffa Hacaaluutti argamuu baataniillee bakkuma jiranitti qabamuun isaanii hinafu ture jechuudha. Akkuma beekamu jara kana irratti himata banuun guyyaa 80 fudhate; erga jara hidhanii waan ittiin himatan irratti barbaadaa turan. Inni gaafa Waxabajjii 30 balleessitan jedhame sun sababa jechuudha. Baqqalaa fi Jawaar himannaa sana lamaan irraa walaba ta’uun ifa ta’us akkuma ‘standard’ dubbii jaraattan dubbataa jira

Duraa-duuba adeemsa kanaa yoo ilaaltan Haceen kan wareegame balaa tasaan osoo hintaane karooraan akka ta’e ‘suggest’ godha. Akkaatuma adeemsa sirni Nefxenyaa Abiy kun wareegamuu Haceen booda adeemaa jiru yoo ilaaltan Haceen kan wareegame karoora jarri Nefxenyaa baafattee lafaa qabuun akka ta’e ragaa kenna. Kun hiikkoo ani ofii kennaa jiru miti, duraa-duuba adeemsa dubbiitu akkas dubbata. Ajjeechaan Hacaaluu irratti raawwatame ajjeechaa siyaasaa ti. Kana jechuun himannaan ‘reeffa Hacaaluu Amboo geeffamaa ture humnaan Finfinneetti deebistan’ jedhu Jawaar, Baqqalaa qabuuf sababa uumame jechuudha. Waan wareegamuu Hacee booda Oromiyaa fi Oromoo irratti raawwatame mara ilaalaa. Haceen dhimmuma kanaaf karooraan ajjeefame jechuudha. Ragaan biraan osoo hinbarbaachifne, wantootuma kana ilaaluudhaan Jawaarii fi Baqqalaa hidhuuf wareegamuu Hacaaluu dursee qophiin taasifamaa akka ture beekuun ni danda’ama. Kun ragaa al-kallattii diinonni keenya deemsa isaaniitiin of irratti ba’aa jiranidha. Yoo maal goone Jawaarii fi Baqqalaa yakkinee akka hidhaa galchinuuf karaa nuuf bana jedhanii qoratanii qophaa’aa turan jechuudha. Gocha akkamii yoo raawwanne hooggantoota Oromoo hafanis jumlaan hidhuu dandeenya kan jedhutu adeemaa ture. Kana hinbeektan jedheen dubbataa jira miti, ragaa jarri of irratti baate ilaalaa, yaadadhaa jechuufi. #AbiyMustGo
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...