Qerro Media Service - QMS's Post

Polisiin Oromiyaa siyaasa bilxiginnaa tiksuu hin qabu! Bilisummaa Oromoof tumsuu qaba.

- Haalli fokkataan Oromoo irratti deemaa jiru kun Poolisoota Oromiyaa keessatti waldhabdeen uumamaa dhufuu gabaasaa turre. Gariin polisii ergama nafxenyaa fudhannee Oromoo irratti duuluu hin dandeenyu jechuun hidhannoo guutuun miliqaa jiru, gariin hidhannoo waajjiraa polisiif deebisuun jireenya dhuunfaa filachaa jiru, gariin keessuma taa’anii qabsoo filachuun ilmaan Oromoo hin ajjeefnu kan jedhuun waldhabdee guddaan akka uumame gabaasaa turre. Waan poolisii keessatti ta’aa turee fi jiru baay’ee isaa gabaasuun tarsimoo balleessa waan ta’ee hunda hin dubbannu.

- Haalli poolisii Oromiyaa kan isa sodaachise bilxiginnaan, akkamitti polisii gowwomsinee haamlee itti horree xiqqoo erganna jechuun mala dhayan. Yaada guddina gulantaa kana fidani. Bilxiginnaan poolisii Oromiyaaf mindaa ji’aa kafaluu dadhabdetu guddina gulantaan poolisa sossobuu heddi.

- Sadarkaa masaraa Abiyyittis guddinni gulantaa fi agarsiifni waraanaa muldhatee ture. Kufaatii siyaasaa agarsiifni qawwee hin suphu! sadarkaa Oromiyaatti fi godinootaatti maqaa guddina gulantaatiin waan akka agarsiisa waraanaa gochuuf dhamaati bilxiginnaan. Uummanni altakka si dide niwukilaaraan duubatti hin deebi’u.

- Polisootaaf: warri guddina gulantaa argattan baga fudhattani. Dafqa keessanni. Guddinni gulantaa kennaa bilxiginnaa miti. Qajeelfama hundeeffama fi bulchinsaa poolisii keessa jira. Mindaa fi faayidaalee garaagaraa guddina gulantaa waliin dhufus isiniif haa kabajani. Garuu kun sossobbiif dhufe, akka bilxiginnaaf araaramtaniif godhani. Abadan bilxiginnaan diina Oromoof Oromiyaa ta’uu beekaa. Oromoo fi Oromiyaa diiguuf akka deemaa jiran baruu qabdu. Isin dhoku malee tarkaanfilee diigumsa Oromoo fi Oromiyaa baay’ee fudhataniiru.

- Dhumarratti shira nafxenyaaf gadi hin jedhiinaa. Daa’ima Oromoo hin ajjeesiinaa. Ni yaadattu jedheen abdadha. Gaafa leenjitan diina keessan Oromoo fi Oromiyaa irraa ittisuu isiniin jedhanii leenjitan. Leenjii booda garuu akkuma agartan Oromoo isin waraansisani. Ati Oromoo hidhate dha. Ilma Oromoo bilxiginnaa mormuuf karaatti bahe haleeli siin jedhani. Hedduun kana diduun mata dhukkubbii itti taatan isiniif galata qaba Oromoon. Warri haftanis ajaja diinni Oromoo gubbaa isinitti ergu hin fudhatiinaa. Oromoo hin ajjeefnu jedhaa didaa akkuma diduu eegaltan.

- Kan bosona jirus obboleewwan keessani. Gariin isaanii warruma ilma Oromoo hin ajjeefnu jechuun bilxiginnaa ganuun qabsoo hidhannoo makamanidha. Obboleessi obboleessa akka waraanu kan gochaa jiru nafxenyaadha. Qeerroo biraa baatanii poolisa taatanirratti hin dhukaasiinaa, haadha keessan hin gaddisiisiinaa. Qabsoo deeggaraa. Shira nafxenyaa irratti dammaqaa. Tigireen biyya walaboomte ijaarrattee jirti, Abiyyi jara ni sodaata kanaaf maskii koronaa ergaaf. Naannoon Amaaraas nagaya, walaba. Nafxenyaan garuu Oromoof Oromiyaa dadhabsiisuu rasaasaa ittin ajjeeftan ilmaan Oromoo ajjeefaman gadi erga. Rakkoon Oromoo qawween hin furamu, Oromoonis qawween hin jilbeenfatu, marii siyaasaa qofatu furmaata! Qabsaa’ota Oromoo ajjeechaa fi hidhaan dararuun manaa bara baraa dhala malee fala hin fidu. Kana beekaa! Poolisii Oromiiyaa meeshaa diinaa taatanii saba keessaa baatan, qomoo keessan Oromoo ajjeesuu fi hidhuu didaa. Diduu qofatu nu baasa. Qabsoo Oromoo qajeelchaa, shira nafxenyaa hongeessaa!

Nagaa Wajjin
Obboleessa keessan Farhaan Abdusalaam irraa
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...