Qerro Media Service - QMS's Post

Dubartootaaf
****
Walqunnaamtii Saalaatti Gammaduu Dadhabuu Dubartootaa (Female Orgasm Dysfunction) maal irraa dhufuu malaa? Akkamiin of gargaaruun danda'amaa?
*************************************
Dubartiin tokko rakkoo armaan olii kana qabdi jechuudhaaf: Walqunnaamtii saalaa abbaa manaa ishee waliin raawwattutti gammachuu kan hin qabnee fi fedhii saala abbaa manaa ishee guutuuf qofa kan raawwattu yoo ta'edha. Rakkoowwan kana kan fidan keessaa muraasni:
1. Rakkoo xiin-sammuu (psychiatric or psycosocial) dudartiin sun qabdu kan akka raakkoo dhiphachuu (stress) humnaa'olii, ofitti amanamummaa dhabuu fi kkf kan yaala addaa barbaadu.
2. Rakkoo waliin haasaa ykn walii galtee dhabuu abbaa manaa fi haadha manaa waliinii (Heeruma fedhii malee, fi kkf)
3. Dhiibbaa ykn rakkoo walqunnaamtii saalaan walqabatee yeroo ijoollummaa irratti raawwatame, kan akka dirqisiisanii gudeeduu fi kkf.
4. Dhukkuboota adda addaa kan waan kana fiduu danda'an qabaachuu fakkeenyaaf dhukkuba sukkaaraa....
5. Yaalii baqaqsanii yaaluu dhukkuba adda addaa yaaluuf godhamu, qaamota sirna hormaataa keessa tokko ykn isaa ol kan akka gadameessa muranii baasuu (hysterectomy).
6. Kan rakkoo biraa tokko hin qabne garuu rakkoo walqunnaamtii saalaatti gammaduu dadhabuu qofa qaban illee ni jiru.
*****************************
FURMAATA
Rakkoon kun qorannoon biyya USA keessatti hojjetame tokko akka jedhutti dubartoota 21% kan hubu yoo ta'u rakkoo salphaa osoo hin taane kan yaala barbaadudha. Kanneen armaa gadii akka furmaataatti kan taa'anidha.
1. Waldhabiinsa, miidhama duraanii, muddama jireenyaa fi kkf namootni waan kana furuudhaaf leenji'an (psychotherapist) waan jiraniif deemanii yaala ga'aa argachuu.
2. Mana yaalaa deemanii dhukkuboota rakkoo kana fidan irraa yaalamuu.
3. Yeroo walqunnaamtii saalaa raawwatan guutummaa guutuutti yaada ofii walqunnaamtii saalaa irra gochuu fi sosochii garaa garaa gochuu.
4. Kana hundaan illee yoo furmaanni jiraachuu baate qorichoota ogeessa fayyaa sammuu (Psychiatrist) irraan ajajaman fudhachuun illee ni dandaa'ama.
*****************************
Fayyaan Faaya
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...