Qerro Media Service - QMS's Post

Waan Ajaa'ibaa Fayyaa Dubartootaa:
*************
1. Mucaan durbaa gaafa dhalattu hanqaaquu miliyeenaan lakkaa'aman ovaarii ishii keessaatti galaa godhattee gadameessa haadha ishee keessaa baati. Sana booda hanqaaquu haaraa oomishuu hin dandeessu waan ta'eef isaanuma fudhattee dhalatte san fayyadamtee ilmoo godhatti.
2. Warri Egypt (Gibtsii) mala ittisa da'umsaa waggaa kuma afur (4000) dura fayyadamaa turan, malli isaan fayyaadamaa turan kunis dammaan ulaa gadameessaa (cervix) cufuu ture.

3. Ijoollee dubartoota 5000 dhalatan keessaa 1 gadameessa malee dhalachuu dandeessi; ijoollee dubartoota 2000 dhalatan keessaa 1 ammoo gadameessa lama qabattee dhalachuu dandeessi.

4. Dubartiin akka addunyaatti umuriishee keessatti ijoollee hedduu da'uudhaan world Guinness record qabatte, lammii biyya Ruushiyaa ijoollee 69 deesse dha. Walumaa galatti al 27 kan deesse yoo taatu; al 16 lakkuu (twin), al 7 ammoo ijoollee sadi sadiin (triplet), al 4 ammoo ijoollee afur afuriin (quadruplets), kan deesseedha.

5. Dubartiin umurii guddaatti daa'ima godhatte ammoo, waggaa 72 tti kan deesse yoo taatu, Omkari Panwar jedhamti, biyya Indiyaati.

6. Ijoolleen lakkuun guyyaa hedduu walirraa fagaatanii dhalachuun nama ajaa'ibsiisan ammoo, Amy fi Kate kan jedhaman yoo ta'an:, Amy n dhalattee guyyaa 87 booda Kate n dhalatte.
*************
Fayyaan Faaya
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...