Qerro Media Service - QMS's Post

Yaada Baqqalaa Garbaa Har'a Dhaddacharratti Dubbatan
---
Waan biyya keenyaaf fayyada jennu dubbachuu hin dhiisnu. Sirni haqaa biyya kanaa kufeera. Anii fi maatiin sirna haqaa biyyatiitin namoota akka malee miidhaman keessa tokko. Maammila (dambanyaa) keessan ani. Dhugaa dha, nu dura hayyootni qaqqaaliin saba kanaa nu caalaa sirna haqaa badaatiin miidhaman ni jiru, garuu ilmaan isaanii nurrattis ittuma fufe.

Ani yakka tokko akkan hin qabne harka dhibban beeka. Armaan dura ragaan sobaa maqaa fi eenyummaa sobaa uffatanii na bira taa'anii ragaa sobaa natti bahani sobaan natti murtaa'e har'a san darantu deemaa jira. Waan ifa ta'uu qabu tokko ani balleessaa ragaa dhugaatiin natti mirkanaa'e qabaannan adabamuuf qophii dha, nan gammadas. Garuu kan nurratti deemaa jiru akkasii miti.

Duulli miidiyaadhaan nama akka malee hamaa godhanii nu dhiyeessuu itti fufeera. Sababuma duula kanaatiin namootumti as jirtaniyyuu akkamitti akka nu ilaaltanirratti yaaddoo/sodaan qaba. Maqaa fi suurri keenyaa youtube, priinti miidiyaa, soshaal miidiyaa, gaazexaa bakka hin jirre hin qabu.

Nuti biyya alaas tahee keessatti hojjennee jireenyaa gaarii jiraachuu carraa isaas tahee dandeettii ni qabna. Waan biyya keenyatu nu yaaddessinaan dhukkuba uummata keenyaa rakke furuuf jenneeti malee. Waan ittiin himatamnu hundasaayyuu hin raawwanne inumaa araaraa buusuu ani fi obboleessi koo Jawaar waan dandeenyu carraaqne, walitti dhufeenya uummattoota deebisuuf hojjenne, bataskaanni fi masjiidni hunduu keenyuma nu tokko jennee lallabne. Hojii keenya malee yakkamne.

Bara dhiyoo asitti qaama olaantummaa deebifachuuf dhama'utu mu'lataa jira. Nuti kana morminee walqixxummaa malee jenne. Kanaafis saboota cunqurfamoo biroo bira dhaabbanne. Fkn uummatni Walaayittaa mirga Heeraa waan gaafateef miidhama guddaaf saaxilamuusaa mormine. Hariiroon keenya akkanaa ammas itti fufa, walqixxummaa fi haqummaa qofatu furmaata. Qaama olaantummaa fedhu kan caasaa mootummaa harkaa qabu waan mormineef nurratti xiyyeeffatamee hidhamne.

Kan biraa herrega mindaan irratti nuuf galu kan maatii kootio hunda ugguran. Nuti malaammaltummaan (zarafaa) hin shakkamne, saamtota herrega baankii keenya uggure nu beelessaa jira. Nan gadda. Duulli maatii keenya qoqqobuu fi kophxeessuu nurraa haa dhaabbatu.

Dhumarratti ragaan dhugaan nurratti haa dhiyaatutii ni adabamna nutu rakkoo qabaatti mirkanoofnan du'a keenyarrattis biyyi kun nagaa haa argattu. Waan haqa ta'erratti mana murtii fi abbaa alangaa waliin dhaabbanna. Galatoomaa!

Oromo Political Prisoners Defence Team
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...