Qerro Media Service - QMS's Post

Ajaa’iba! Karoora PP!!

Akka karoora PP’tti Irreecha irratti nama 6000 qofa argama. Kootaan kun akkuma Itoophiyaatti sabaaf sablammootas dabalata. Namootni 6000n kun 100% caasaa PP ti. Godinoota naannawa Finfinneetti dhihaataniif kootaan kaayame nama 200 qofa. Kan Finfinneerraa fagoo jiraniif kootaa 50. Fkf godina Shawaa Lixaaf walii galatti nama 200 qofatu hayyamama. Jimma 50, Arsii 50, Wallagga 50, Baalee 50, ... Yoo hundi walitti ida’amu akka Itoophiyaatti walumaa galatti namoota 6000 qofa Irreechaaaf qopheessan.

Karoorri isaanii kun hangam akka mootummaan kun ummata Oromoo cabsuuf kutatee fi Oromoo tuffate nu agarsiisa.

Ayyaana Masqalaa irratti namoota namoota 6000 tu dhihaatee? Ummatni Bahirdaaritti akka galaanaatti bahe 6000 qofaa? Gondaritti kan akkasitti bahe 6000 qofaa? Warri kuun baajii fannifatanii ayyaaneffatanii? Maaliif Oromoorratti kophaatti xiyyeeffatame?

Abadan karoorri PP hin milkaa’u!! Ummatni Oromoo Irreecha hora Finfinneetti kabajachuuf Finfinnee seenee qophaa’ee jira!
https://t.me/ferhanabdulselam
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...