Qerro Media Service - QMS's Post

Xalayaa Hidhamtoota ma’aakalawii

Yeroo Addunyaan dhibee vaayirasii COVID-19 raafamtee hidhamtoota hedduu gadi-dhiisaa jirtu kanatti badii tokko malee daldala siyaasaatiif jecha guyyoota shantamii saddeetiif (58) ukkaamfamnee mana hidhaa keessa jirra. Namoonni hedduus COVID-19 qabamanii rakkoo keessa jiru.
Namoonni manni murtii mirga wabii eegeefii akka bahaniif ajaje mana hidhaa tokko keessaa baasanii gara mana hidhaa biraatti geeffamanii hidhamaa jiru.
Mana murtiis dhimma keenya bilisaan ilaalee murtii haqa-qabeessa kennuu osoo qabuu yeroo hundaa beellama nutti qabuu irraa kan hafe furmaanni nuti argataa jirru hin jiru.
Uummanni keenna yeroo jijjiiramni dhufe jedhamee hafarfamaa jiru kanaan ammas kan waggoota darbanii caalaa dhumataa jira.
Kana malees nuti kan hidhamne booyicha aartistii Haacaaluu Hundeessaa irratti waan argamneef qofa. Kun kana ta'ee osoo jiruu akka waan qabeenya namaa saamneetti herreegni baankii keenyaa cufamee jira. Nu keessa namoota maatii jiraachisantu jira. Fkn, namni tokko haati manaa isaa mana yaalaatti oppireeshiniin deessee akka malee dhiigni waan irraa dhangala'eef dhukkubsattee mana yaalaa jirti. Hanqina maallaqaa waan qabduuf abbaan manaa ishee deeggarsa maallaqaa akka godhuuf gafattee turte. Abbaan manaa ishees mana murtiitti iyyatee herreegni baankii isaa irraa qarshii baasee maatii isaa akka gargaaru manni murtii hayyamee turus qorataan akka qarshii baasee haadha manaa isaa akka hin deeggarre uggure. Sababa kanarraa kan ka'e haati manaa isaa du'aa fi jireenya gidduu jirti.
Namootuma nu wajjin hidhaman keessaa inni biraa haati manaa isaa ulfa ji'a saddeetii (8) wajjin kiraa manaa waan kaffaltu dhabdee abbaan mana kireesseef mana keessaa akka baatu dirqisiisaa waan jiruuf abbaan warraa ishee mirga wabiitiin bahee akka ishee deeggaruuf yeroo hedduu gaafataa turus gaaffiin isaa deebii dhabee haati warraa isaa rakkoo cimaa keessa jirti.
Yeroon kuni yeroo COVID-19 biyya keenya keessatti humnaa ol babal'atedha. Keessumaa mana hidhaa kana keessatti namoonni hedduu vaayirasii koronaan qabamanii jiru. Namoota nu waliin hidhan keessaas namooni qabaman jiru. Dhibee kana dandamachuuf nyaata madaalawaa barbaachisa. Garuu nuti nyaata maatiin keenya nuuf dhiyeessus guyyaa keessatti yeroo tokko qofa argachaa waan jirruuf hanga rakkooleen armaan olitti kaafne kana furmaati nuuf kennamutti tarkaanfiilee armaan gadii fudhachuuf murteessinee jirra:
1. Nyaata mootummaas tahe kan maatii irraa nuuf dhufu hin nyaannu
2. Maatii keenya wajjinis wal-arguu hin barbaannu
Gochaan nurratti godhamaa jiru kun gochaalee sanyii balleessuu waan taheef hanga rakkoon keenya furmaata argatutti garaa keenya hidhannee tarkaanfiilee armaan olii hojiitti hiikuuf murteessinee jirra.
Uummanni keennas rakkoolee nuti keessa jirru kana hubachuun sagalee akka nuuf taatan kabajaan isin gaafanna.
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...