Qerro Media Service - QMS's Post

Dubbii Jawar Mohammed Dhaddacha Mana Murtii Sad Duraa Federaalaarratii Har’a Dubbatee Keessaa
___
Umrii keenya guutuu kan nuti qabsoofne haqaafi. Firii qabsoo keenyaatiin Abbootii murtii abdii borii ta’an kunoo argineerra. Wantii kun garuu hamma gandaa fi aanaatti deemu qaba. Abbootiin alangaa dhiibbaa mootummaa isinirra jiru ni hubanna. Isiin garuu ogummaa keessanii fi dhugaa dhaaf amanamoo ta’aa. Dhiibbaa siyaasaatirraa bilisa ta’aatii hojjadhaa. Poolisoonni asittii eegumsa nuu godhaa jirtan kabajaa fi eegumsa nuu gootaniif hedduu galatoomaa. Eegumsa kana garuu namoota akka keenya beekkamtii qabaniif qofa ta’uu hin qabu. Warra mana hidhaa Oromiyaa guutuu keessa jiraaniif eegumsaa fi kabaja kennaafii. Hin ajjeesina hin reebinaa.

Nuti hidhamtoota siyaasaati . Kan nuti hidhamne garaagarumma warra aangoo mootummaa qaban wajjiin qabnuuni . Namoota hidhuun, ajjeesuuni fi biyyaa akka baqatan gochaa biyyi nagaan itti fuftee hin jirtu . Biyyoonni baayyee haala kanaan diigamaniiru .Nuti kan hidhamne mirga Oromoo hin gurgurru waan jenneefi dha. Oromoo hidhuudhaan jijjiiramni hin dhufu. Namoonnii kumoota dhibbaan kan biyya keenyaati baqachaa jiraan sababni isaa hidhaafi ajjeecha as jiruu irraa ka’eetii.

Mucaa keenya Hachaaluu ajjeesani, hoggantoota hidhanii , dubartoota keenya gudeeda fi ajjeesaa biyya kan diigaa jirtan isin warra mootummaati. Mootummaan ni dhufa ni darba. Biyyi garuu akka itti fufu yoo barbaadame haqa kabachiisaa. Haqi angaawoota mootummaatiin oli! https://scontent-prg1-1.xx.fbcdn.net/v/t1.0-9/s720x720/118943316_10221285133432160_6222489572809863562_n.jpg?_nc_cat=100&_nc_sid=8024bb&_nc_ohc=cf2zPOuuyakAX_ZvTzr&_nc_ht=scontent-prg1-1.xx&tp=7&oh=cafea478ef9114239fe31f0507e7f575&oe=5F7A6345
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...