Qerro Media Service - QMS's Post

Oolmaa Dhaddacha Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo
---
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa- Ramaddii Lidataa Oliyyannoo Jawaar Mohaammad Faa N-14 Kufaa Godhe
---
Beellama darberratti Manni Murtii Olanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa, oliyyannoo Jawaar Mohaammad faa N-14 faa dhimma dhagahamurratti komatan dhagahee ture.

Haaluma kanaan abukaatonni dhimmicha dhaddaachaaf haala armaan gadiitiin ibsanii turan:

1- Galmee qorannoo duraa mana murtii jalaa irratti komii dhagamuu dhabuutiin walqabatu qabna.

2- Qorannoon dura jedhame sun nuyi beellama biraa dhaqnee tasa mana murtiitti nutti himame, qophii barbaachisuu osoo hin godhin Abukaatotni fi maammilli osoo hin mari'atin, qabiyyee iyyannoo qorannoo duraa osoo hin beekin mirgi dhagahamuu keenyaa nuuf haa eegamu osoo jennu, itti qophoofnee barreeffamaan deebii itti kennina osoo jennu manni murtii mirga dhagamuu iyyannoo isin gahuun dirqama miti jechuudhaan bira darbee ragaa maggaarajaa duubaa dhagahuutti seenuunsaa sirrii miti.

3- Mirgi dhagahamuu mirga bu'uraa kenninsa haqaa ka yakkaa keessatti bakka olaanaa qabu kan bu'ura Heera Mootummaa qabu waan taheef haala addaation seera addaatiin hamma hin dhorkamnetti kabajamuu akka qabu haaluma kanaanis iyyannoon nu gahee deebii itti kenninee waan mormuu dandeenyu hunda achi keessatti akka dhiyeeffannu

4- Ragaa Magaarajaa duubaan dhagahuu ilaalchisees seericha labsiin 699/2003 seera dirree domokirasii fi dirree haqaa dhiphisuuf mootummaa abbaa irreetin bahe tahullee ijoon ragaan dhoksaa irratti dhagahamu kan ragaan biraa tokkollee hin jirre bakka tahetti tahee osoo jiruu ragoonni abbaa alangaa 10 kan ijoo ragaa maggaraajaa duubaa waliin walfakkaataarratti dhagahaman bakka jiranitti ragaan maggaarajaa duubaa hayyamamuun seera qabeessa miti. Jala murtiin mana murtii jalaa sirrii miti. Ragaan akkanaa mirga dhagahamuu keenya akka malee waan daangeessuuf jala murtiin kun diigamuu qaba fi kkf dhiyeeffannee turre.
-
Manni murtii olaanaa garuu komii kana kufaa godheera. Sababni manni murtii lun kaa'es qorannoo duraa keessatti falmiin dhagamuu akka falmii idilee miti mirgi dhagahamuu kallattiidhaanis ta'ee karaa naanna'aatiin daangeffame hin jiru; labsiin ragaa maggaarajaa duubaa kan Heera faallessu miti jedhamee murtiin dirqisiisaan dursee irratti kenname dha kan jedhu faa dabalata.

Kanumarraa ka'uun dhaddachi kun murtii mana murtii jala cimsee dhimmi kun abbaa alangaa deebiidhaaf hin dhiyeessisu jedhee galmee cufeera.
---
Hub: Dhimmi irratti oliyyatame, galmeen qorannoo duraa dhagahamee dhumee yeroo himannaa itti bu'eerrafamuyyuu kennamee jira. Silaa yoo xinnaate hanga oliyyannoon kun har'a murtaa'utti galmeen jalaa irratti komii dhiyaate dhorkamee turuu qaba ture.
___
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...