Qerro Media Service - QMS's Post

[Forwarded from Etana Habte (Etana Habte)]
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee albuudotaa fi bishaan dabalatee qabeenya uumamaa Oromiyaan qabdu tola fayyadama, takkaa saantima tokko kaffalee hinbeeku. Finfinneen magaalota Oromiyaa keessaa tokko akka taate heerri biyyaa mirkaneessee osoo jiruu, ji’ograafiin utuma ifatti agarsiisuu, seenaan dhimmoota kanaas beekamaa ta’ee osoo jiruu, hariiroo Finfinnee fi Oromiyaa gidduu jiru dubbachuu har’a yakka ta’ee jira. Guyyaa har’aa Abiy Amaara kokkee isa qabdee jirtu sossobachuuf jedhee karaa boroo naanna’ee kaazenaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessaa loltoota Naannoo Amaaraaf birrii miliyoona dhibba sadii harka Adaanech Abeebeetiin badhaasee jira. Waanan kaaseefan qaba. Qabeenyi biyya keenyaa, aangoon mootummaa fi caasaan nageenyaa harka humnoota Oromoo ijaajjiitti jibbanii seenee jira. Rakkoo hamma ammaatti uummata keenya irra ga’aa jiru baay’eedha jennee yaadaa jirra taanaan dogongorree jirra. Warri amma aangoo qabate kun Oromoo miidhanii warra quufan miti. Jabaannee gamtaadhaan qabsoo finiinsuu qofatu fala. Inni isaa asii “kun qarqara, quufni guddaan galagala” isa jedhu nuuf dhaama. Mudhii hidhachuu barbaachisa. #AbiyMustGo
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...