Qerro Media Service - QMS's Post

SEENAA LIJ-IYYAASUU
KUTAA 1FFAA
~~~~~~~~~~~~
Iyyaasun abbaa isaa Mootii Walloo Raas Mikaa'el (duraan Raas Mahammad Alii) fi haadha isaa intala Minilik Shawaaraggaa irraa dhalate. Minilik Ilma dhiiraa hin qabu. Xaayitun(haati warraa Minilik) yeroo aangoo irraa dhorkamtu dargaggoo Mootummaa Minilik dhaaluf qophaa’u jalaa gufuun tokko buqqa’e. Waggaa isatti bara 1903 bakka bu’aa (እንደራሴ) isaa kan ta’e Bitwaddad Raas Tasammaan yeroo du’e immoo dargaggoo Iyyaasuudhan kan dorgomu ni dhabame Angoo guutuu dhuunfachu kan isa dhorke kan xuuxamee dhumee garuu du’uu dide qaama Minilik qofa ture Mootii moototaa tahuu yoo baateyyuu yeroon aangoo Iyyaasuu bara 1903 hanga bara 1909 ture, Haa ta’uu malee jalqabuma irratti qixa hin eegamne irraa humni taayitaa Iyyaasuu falmu dhalate Ajaja Xaayituutin Finfinnee akka hin geenye kan dhorkamee ture Raas Abaataan Nugusummaa irraa dhorkamuu Xaayituu akkuma bareen hamilee injiffannootin gara Finfinnee dhufee barcuma mootii Minilik qabachuudhaf yaada kan jedhu oduun faca’e Karaa……

oduun faca’e Karaa tokko bakka Raas Tasammaa nama isaaf ta’u buusee karaa biroo immoo Zawdituu (intala Minilik) fuudhee yeroo isheen muudamtu maqaa isheetin bituudhaf yaala hamiin jedhuus ture Dubbichiis kan ifa bahe meeshaa masaraa mootichaa keessa jiru qabachuudhaf yeroo seenudhaf yaale ture. Waardiyyotni masaraa Fitawraarii Gabramaariyaamin hogganaman hin seensisnu jedhanii giddutti dubbin cimaan erga dhalatee booda Abuniin (hogganaa amantii Ortodoksii) gidduu seenee dhiigni otuu hin dhagala’in qabbanesse. Abaataanis gara naannoo bittaa isa jala jiru Kambaatatti deebi’uuf waliigale. Abbaa Iyyaasuu Raas Mikaa’elif garuu kun gahaa hin turre. Angoo seerri ilma isaatif kennu mormitotni itti baay'atanii waan rakkisanif fakkata. rakkoo kana guutummatti dhabamsiisudhaaf loltoota 8000 qajeelchudhaan Finfinnee dhufe Sana boodas Abaataa Kambaataa irraa waamsisee Maq-dhalaatti ergee hidhamee akka turu godhe.
kutaa 2ffaan itti fufa

Seenaa Oromoo
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...