Qerro Media Service - QMS's Post

Magaalaa Finfinneetti lafti kaaree meetirri miiliyoonni 13 ol karaa seeraan alaan weeraramuu ibsame!
*

Magaalaa Finfinnee aanaalee 121 keessatti lafti kaaree Meetirri miiliyoonni 13 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 23 ol karaa seeraan alaan weeararamuu itti aantuu kantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsan.

Rakkoon weerara lafaa kun hundee kan jabeeffatee fi kan bubbule ta’uu ibsaniiru.

Weerarichi kutaa magaalaa hunda keessa kan jiru yoo ta’u, Boolee, Eekkaa, Nifaas Silk Laaftoo, Aqaaqii Qaallittii fi Gullalleetti daraan kan heddumatu ta’uu eeraniiru.

Gocha kana keessatti dhaabbileen amantaa fi Riil Isteetiin sadarkaa duraan kanneen hirmaatan ta’uu eerameera.

Dhaabbileen misooma Riil Isteetii lafa kaaree Meetira kuma dhibba 1 fi kuma 84 fi 208, dhaabbileen amantaa lafa kaaree Meetira kuma 97 ol karaa seeraan alaan qabachuu ibsameera.

Naannoon seeraan ala hundaa’an 64 lafa kaaree meetira miiliyoona 6.8 seeraan ala weeraruu fi lafa kaaree meetira miiliyoona 1.3 irratti dallaan seeraan ala dalleeffamee argamuu himameera.

Weerara lafaa kanarratti qaamoleen hirmaatan hedduu ta’anis, ka’umsi madda rakkichaa olaanaan dhaabbilee mootummaa ta’uu aadde Adaanach eeraniiru.

Hoggantoonni mootummaa, hojjettoonni mootummaa fi kanneen isaan faan hidhata qaban faddaaltoonni, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen amantaa gocha seeraan alaa kana keessatti adda durummaan kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

Keessattuu wayita mootummaan dhimmoota garaagaraan muddama keessa jiru gochaan seeraan alaa kun bal’inaan raawwatamuu eeraniiru.

Hojii weerara seeraan alaa kana sirreessuu fi ittisuuf hojii mootummaan eegale jiraattoonni magaalichaa haaluma amma eegalaniin deeggarsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi: TOI
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...