PP Oromiyaatiif:
Ofiifis nyaatamtanii ummata Oromoo nyaachisuuf deemtu. Kana isinuu ni beektu. Finxaaliyyiin Amaaraa albee isinitti qarattee jirti. Kana hambisuuf dafaa gara ummataa goraa. Oromoo siyaasaan adda qooduu dhiisaa. Namni paartii kamuu haa hordofu. Amma kan albee Finxaaliyyii Amaaraa jalaa isin baasuu danda’u sabboonummaa fi sabboontota qofa. Amma carraan qabdan sabboontota hidhaa fi ajjeesaa turtan sanatu Oromiyaa Finxaaliyyii Amaaraa jalaa baraaruu danda’a. Kanaafuu Qeerroo fi Qarree hiitan hunda gadi lakkisaa. Hayyoota hiitan hiikaa. Sabboontotaaf karaa saaqaa. Tokkummaan haa jabaatu. Oromiyaan ija qalbiitiin haa eeggamtu. Kana yeroon jedhu Finxaaliyyiin Amaaraa aangoo jiddu galaa qabachuu dandeessi jechuu kiyyaa miti. Garuu bifa amma jirtan kanaan jarri isin nyaatanii Oromoo irratti bahuuf wanti isaan daangessu hin jiru. Nama ummata of duubaa hin qabne namni hin sodaatu. Dubbii kana salphiftanii ilaaluun dogongora irratti dogongora biraa akka hin daballe. Yoomillee taanaan saba keessaa baatan wanti isiniif caalu hin jiru.
By: via Qerro Media Services
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Featured post
Ethiopia’s controversial quest for the sea
https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...
-
Has your daily walk become an endless trudge to nowhere? These podcasts, chosen by comedians, podcasters, Guardian writers and readers, are ...
-
Latest of several launches within a month signals further ramp-up of hostility towards neighbours North Korea fired an unidentified project...
-
Embarrassment for South Korea’s military after guards fail to heed alarms despite man being picked up by five sets of CCTV cameras South Ko...
No comments:
Post a Comment