PP Oromiyaatiif:
Ofiifis nyaatamtanii ummata Oromoo nyaachisuuf deemtu. Kana isinuu ni beektu. Finxaaliyyiin Amaaraa albee isinitti qarattee jirti. Kana hambisuuf dafaa gara ummataa goraa. Oromoo siyaasaan adda qooduu dhiisaa. Namni paartii kamuu haa hordofu. Amma kan albee Finxaaliyyii Amaaraa jalaa isin baasuu danda’u sabboonummaa fi sabboontota qofa. Amma carraan qabdan sabboontota hidhaa fi ajjeesaa turtan sanatu Oromiyaa Finxaaliyyii Amaaraa jalaa baraaruu danda’a. Kanaafuu Qeerroo fi Qarree hiitan hunda gadi lakkisaa. Hayyoota hiitan hiikaa. Sabboontotaaf karaa saaqaa. Tokkummaan haa jabaatu. Oromiyaan ija qalbiitiin haa eeggamtu. Kana yeroon jedhu Finxaaliyyiin Amaaraa aangoo jiddu galaa qabachuu dandeessi jechuu kiyyaa miti. Garuu bifa amma jirtan kanaan jarri isin nyaatanii Oromoo irratti bahuuf wanti isaan daangessu hin jiru. Nama ummata of duubaa hin qabne namni hin sodaatu. Dubbii kana salphiftanii ilaaluun dogongora irratti dogongora biraa akka hin daballe. Yoomillee taanaan saba keessaa baatan wanti isiniif caalu hin jiru.
By: via Qerro Media Services
No comments:
Post a Comment