Qerro Media Service - QMS's Post

Rakkina Siyaasaa Mudateef Furmaatis Sanuma Siyaasa Ta’uu Qaba
Ibsa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Irraa Kenname

===============||=================
Lubbuu namootaa galafatee qabeenya baayyee mancaasee, keesumaa lubbuu Qeerroo kumataman lakkawaman itti wareegame jijjiramni biyya keenya keessatti dhufee ture kiyyoo keessa erga gale oolee buleera. Agartuun keenya utuu arguu duutii, hidhaan, godaansi, reebichi darbe nutti deebi’ee jira. Jijjiramni abdatama tures karaa qaxaamura hamarraa jira.

Jijjiramni sun karaa fooyya’aa akka qabatu waggoota laman darban keessa marii sadarkaa adda addaa geggeesineera. Ibsa garaagaraa baafnee rakkoowwan mudatan akka sirreeffaman yaadachifneera. Rakkoo mudachaa jiru ilaalchisee hoggantooti paartii keenya miidiyaa garaagaraa irratti bahanii gaaffiifi deebii geggeesaniiru. Paartii aangoorra jiru damee Naannoo Oromiyaa wajjin hojjechuufii keesumaa hidhaafi hiraarrii hawwaasa keenya irraa akka dhaabbatu marii ballaa geggeesineera. Ijibaati keenya kun gonkuma bu’aa tokko hin argamsifne. Haallisa badaa adeemusa kan agarsiisu carraan sosso’uu mataansa dhabama adeeme; waajjiraleen keenya godinaleefi aanalee irratti banamani turan cufaman. Wayita rakkoon babballataa adeeme tarkaanfii sirreessa akka fudhataniif aangawoota mootummaa haasoofsineera. Iyyaata utuu hin haafiin barreesine galchineera. Fakkeenyaaf:-

Miidhaan haawwaasa magaalaa Awadaay irra gahe qulqulla’ee murteen akka itti kennamu jennee Mana Maree Bakka Bu’oota Itoophiyaatiif xalayaa lakk. KFO/764/12 gaafa 14/06/2012 barreesineera.

Miseensotifi deeggartooti paartii keenya hidhaa keessa akka hiikaman jennee xalayaa lakk. KFO/792/12 gaafa 21/08/2012 Muummicha Ministeera Itoophiyaa Kabajamoo Dr. Abiyyi Ahimad’f barreesine iyyaaneera.

Haallii yaaddeessa ta’aa waan adeemeef Tarkaanfiin Agaggee Humnoota Mootummaatiin Fudhatama Jiru Mirga Nama Miidhaa Waan Jiruuf kana Dhaabsiisuuf tarkaanfii isaan ilaalu akka fudhatan xalayaa Lakk. KFO/797/12 gaafa 02/10/2012 barreesinee Komiishini Mirga Namooma Itoophiyaatiif galchinee garagalchiin Waajjira Abbaa Alangaa Waligalaa fi Boordii Filannoo Biyyaaleessa Itoophiyaatiif galma’ee gaafatameera.

Irra jireesatti ammoo Waltajjiin Tokkichummaa Dimookiraatawaa Itoophiyaa rakkoo Filannoo Biyyaaleessa ilaalchisee mudateef mudateef furmaata akka ta’u yaada furmaata keessa galu danda’u gaafa Caamsaa 4/2012 barreesse dhiyeeseera.

Ajjeechaa Artistii Haacaaluu Hundeessaati as haalli jiru wal xaxaa ta’aa adeemeera. Rakkina caalmaan dhufaa jiru hubachuun dhimmii ajjeecha Haacaaluu qaama bilisa ta’een qoratamee murteen akka itti kennamu, ajjeechaa sanas hordofee hidhaan miseensota paartilee, eenyuun akka fayyadu kan hin beekamne sun, akka dhaabbatufi miseensoti paartilee hiikamani hojii haawwaasa tasgabbeessu keessatti akka hirmatanu akka godhamu ibsa eejjennoo baafnee gaafaneera. Deebii tolee utuu eegnuu, seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti bara 2012 manneetiin hidhaa guutanii namooti daree manneetii barumsa keessatti haala dhibee vaayrasii koronaatiif saaxilamanutti hidhamaniiru. Toora hariiroo qabnuun akka hubachuu dandeenyeetti gaaffiin dargaggootaas ajjeeftoota Haacaaluu seeraatti haa dhiyaatanu jechuu bira darbee hidhamtooti haa hiikaman kan jedhu ta’uu akka danda’u beeksifne ture.

Kan nuyyi sodaane hin hafnee, Naannoo Oromiyaa keessaa bakka garaagaraatti haala wal gaarreeffachu bira darbee lubbuun lammilee dhibbaan lakkawamu galafatameera. Kumaataman kan lakkawwaman hidhamaniiru. Irra deddeebinee ifoomsuuf akka yaalletti rakkoon biyya keenya rakkoo siyaasaa ti. Akka muuxannoo addunyaafi biyya keessa argannetti rakkoon siyaasaa kan hiikamu ol’aantummaa qawweefi nama hidhuun utuu hin taane siyaasuman ta’a.

Waan kana ta’eefuu, Mootummaan Ripaabiliika Federaala Dimookiratawaa Itoophiyaa tarkaanfii humnaa fudhatu hattataman dhaabee, miseensota paartilee hidhaa keessaa furee/hiikee biyyatiin akka tasgabooftu gara marii biyyaaleessatti akka fuulleffatu ni gorsina.

Kongireesii Federaalawaa Oromoo
Finfinnee: Hagayyaa 16/2012

=================||===============
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...