Qerro Media Service - QMS's Post

Balaan Oromoo mudate, balaan bara baraaf qa'ee ofiirratti ajjeefamuu kun, yoo kan hin dhaabbatu ta'e wanti Oromoon akka sabaatitti godhuu qabu hidhachuu dha.

Kan nama oolchu waaqa, dhugaa dha. Garuu motummaa fi kashlabbee qawwee baattee, ganda keessee deemaa, lafa isaa irratti Oromoo ajjeesaa hiraarsitu ofirraa ittisuun kan danda'amu hidhachuudhaani.

Ammaa achi hidhachuun sagantaa bara baraa ta'uu qaba. Oromoon bakka jiru irraa uummatasaa hidhachiisuuf tattaafachuu qaba. Dhaloota kanaaf qofa utuu hin taanee, dhaloota dhufuuf, jechuu dha.

Siyaasni gaanfa Afrikaa siyaasa humnaa (politics of violence) waan ta'ef, tarsiimoon nageenyaa Oromiyaa hidhanoo jabeeffachuu irrattis xiyyeeffachuu qaba.

Diplomaasiin Oromoos yeroo hundumaa karaa teknoolojii meeshaa waraanaa ittin argannuun ykn ijaarrannuun irratti xiyyeeffachuu qaba.

Gargaarsa gaafa barbaannus gargaarsi dhufu tooftaa nageenya Oromootaa cimsu irratti hundaa'uu qaba.

Xiyyeeffannoon qorannoo beektoota (scientistoota) Oromoos gama kanaan jabaachuu qaba.

Kadhaa fi booyichaan ajjechaa diinaa ofirraa deebisuun hin danda'amu.

Qophii bara baraatu barbaachisa!

#Against_socio_political_militarization_in_Ethiopia
#Abiy_must_be_removed
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...