Qerro Media Service - QMS's Post

Jechaaf qubee kamttu
Golee siif miseensa
Dammaf waloo Coreen
Silaa siif mi'eeyssa
Garuutuu hin jiran
Jechoonni siin ibsan
Gubbaa tanaa mitii
Torban dachee keessa
Duuba garttuu tantoo
Wirttuu onnee keessa
Onnee koorra taree
Mee eessan si geessa

Qaama kankoo keessaa
Kan feete fudhadhu
Onnee kooti moo
Somba Koo siif laadhu
Akka fedhii teetii
Mee narraa argadhu
Feetu lubbuu tootis
Fudhadhu dhuunfadhu
Qilleenssa godhuu naan
Hafuuras baafadhu
Akkan roorroo malee
Si waliin jiraadhu
An nin dhabe malee
Akkan silaa fedhu
Onnee too keessa kaayee
Kanin si dhoyfadhu
Akkan gaafan du'es
Si waliin jiraadhu
Ture hawwiin kiyya
Akkin silaa fedhu

Yaa'aa bishaan koluu
Taa'aa bishaan quluu
Osoon Lubbuun bulee
Qaaman lafa jiruu
Si dagachuun yaadu
Qalbii manaabattu
Yoonin yaade ammoo
Lubbuun too haa baduu
Addunyaa tanarraa
Qaaman haa dhabamttu
Waadaf jaalaltti tee
Onnee koorraan cittu
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...