Qerro Media Service - QMS's Post

Dhimmi Fayyaa Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo Qaallittii Jiranii Xiyyeeffannoo Guddaa Barbaada!
_
Saajina Olaanaa Geetuu Tarrafaa Sarbeessaa eegdota Jawaar Mohaammad Waxabajjii 30 bara 2020 seeran ala too'ataman keessaa tokko yoo ta'u amma himannaa siyaasaa irratti banameef Qaallittiitti hidhamee beellama mana murtii hordofaa jira. Haalli fayyaa isaa erga Qaallittiitti jijjiiramee kan gadi bu'e tahuu kan dhukkubsatu tahuu dubbata. Yaalli mana sirreessaa keessa jiru yaala jedhamuu akka hin dandeenyes waan irra gaherra dubbata. Nyaanni garaa keessa kan hin teenyef kan baasisuu tahuu kanarraa ka'uunis nyaachuu akka isa jibbisisee kanumaaf jecha mana yaalaa achi keessa jiru deemee qorannoo tokko malee lilmee (marfee) sadi akka waraanan ibsa. Ega 'qoricha' waraanamee inumaa dhukkubbiin daran akka itti cime hima.

Gama biraatiin Mellesee Dirribsaas ega Jawaar Mohaammad fi namootni danuun amma Qaallitti jiran seeran ala (ajaja qabiinsaa malee) too'atamanii guyyoota muraasa booda hidhamee argama. Melleseen amma dhukkuba alarjiitiin fuulli fi ijji isaa rakkoo keessa jira. Hanga ammaa yaalumsas tahee dawaa hin arganne. Mellesee Dirribsaa Gaazexessaa Oromia Media Network yoo tahu mirgi wabii isaa armaan dura mana murtiitin eegameefii oliyyaannoodhanis mirkanaa'ee seeran ala ajaja mana murtiin ala hidhamee argama.

Dhimmuma fayyaa hidhamtootaatin walqabatee yeroo darbee Obbo Guutuu Mul'isaa beellama 'ultrasound' hambifamuu gabaasnee turre. Hanga ammaattu mana yaalaa geeffamee 'ultrasound' hin kaane yaala barbaachisus hin arganne. Hanga dhukkubni miidhee dadhabsiisutti eeguufii? Maalif?

Warrootni isa waliin jiran kanneen akka Iskindir Naggaafaaf kan hayyamamu tahus Mustaawardi Tamaam alatti bilbilachuu manni murtii hayyameef dhorkamuusaa, jijjiirraa bakka itti hidhamuu gaafatullee dhorkamuusaa barameera. Namni lama kan nyaanni bakka tokkotti Mustawardi waliin dhufuuf Zone 8 jedhamu keessa waan jiraniif innimmoo bakka 'Sharaaton' jedhamurraa gara isaaniitti ykn isaan gara isaatti akka dhufan barbaada. Sababa kanaan inni fi maatiinsaa rakkoof saaxilamaniiru.

Walumaagalatti rakkoo fayyaa hidhamtoota qunnamu hiikuuf mana sirreessichaa hiikuuf fedhii akka hin qabne inumaayyuu hidhamtootni dhukkubaan yoo miidhaman, manni sirreessaa akka carraa gaariitti kan ilaalu tahuu akka hin oolle shakkii qabaachuu dubbatu hidhamtootni. Sababni isaa hanga dhukkubni miidhaa hamaa hidhamtootarraan gahutti yaalumsa hatattamaa hin godhan ykn gara barbaachisutti hin geessan jedha. Haalli qabiinsa waliigalaa loogii bifa hedduutiin kan guutame walqixxummaa kan hin qabne, kabaja namummaas ta'ee eenyummaa (Oromummaan akka badiitti ilaalamu) kan hin qabne tahuutu hubatamaa jira.
__

By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...