Qerro Media Service - QMS's Post

Ittiiqaa Tafarii - Galma dhugaa

Dubbitu dubbii dhalcha,
Dubbii tuttuqxanii dubbii dhalchitanii
Ummata xiiqii keessa galchitan,
Kan dhugaaf dhiigaa turetu
harras haara hin galfanne,
Haati ilmoo bobbaafattee naga jira jettee
keessi ishee boqonnaa hin arganne. (2x)
Albeen diinaa kaleessa nu murte
Cophaa dhiiga keenyaa hordoftee
hadhas nubiraa hin hafne,
Aarsaa goototaaf humna rabbiin hafne,
Akka deemsa isheetiif silaa yoona qaata duguugamne,
Qomoo koo wal malee fira hin qabnu,
Ofi eegi akka si hin raasne qilleensi sobaa yommuu bubbisu,
Carraa argannaan kutaan si kukkutu asii si waliin shubbisu obboleeyyan kee dhiiga boochisu.
Lallaba gowwaa firatu qaana'a
ni waama deebii hin dhaggeeffatu,
Lallaba gowwaa firatu qaana'a
adda hin kutu deebii hin dhageeffatu,
Calaqqisa hangaasuu qomoo koo dadammaqi
rimaa gaangee kun nama hin baasu. (2x)
Bar waa hundi irra dibaa.
Gubbaa calaqqisaa keessi hin bilchaanne
bor sidhibaa hin fudhatin irra dibaa.
Gubbaa calaqqisaa keessi summiidha
bor sidhibaa hin fudhatin irra dibaa.
Obsineerra obsa obsa keessa darbee gabbara fakkatu,
Ofi eeggadhu kaleessas otoo tuffattu kan teessumatti jibbite lafaa kaatee sitti sirbitu. (2x)
Gubbaa calaqqisaa keessi bukoodha
bor sidhibaa hin fudhatin irra dibaa,
Gubbaa calaqqisaa keessi duwwaadha
Bor sidhibaa hin fudhatin irra dibaa.
Addeessii fi urjiin walii galanii hurrii fi duumessa michoomfatanii biiftuu baha dhoorkuuf dhaadatanii,
Biiftuun yeroo ishee baha hin ooltu isaanis guyyaa hin muldhatni.
.
Galma dhugaa ijaarsi isaas haa ulfaatu
Abdii irraa hin kutu kan imaanaa baatu.
Galma dhugaa karaan isaas haa fagaatuu
abdii irraa hin kutu kan imaanaa baatu. (2x)
Galma dhugaa bu'aa bahiis haa qabaatuu
abdii hin irraa hin kutu kan imaanaa baatu.
Galma dhugaa qorees haa qabaatuu
abdii irraa hin kutu kan imaanaa baatu.
Bar waa hundi irra dibaa.

By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...