Shira LAMMII KURAA duuba jiru!
Summii dhoksaan afaan nu keesse bilxiginnaan.
Yakkoota gurguddaatu raawwatamaa jira.
1) Lafti amma bulchiisi kutaa magaalaa Lammii Kuraa ijaarame jedhamu kun lafa waldhabdeeti. Oromiyaa jala ture. Kondomiiniyeemii irratti ijaaranii maqaa jiraattota Finfinnee jedhuun irra qubsiisaa turan ammas itti jiru. Torbee lama dura Adaanech jiraattota Finfinneef jechuun kondomiiniyeemii 50,000 ol hirtee jirti. Mana tokko keessa average namni afur yoo gale, 4X50,000 = 200,000 qubsiisanii jiru jechuudha. Uummata kanaaf bulchiisa banaa jiru. Bulchiisi kunis lafa gurguruuf ijaarama. Qonnaan bulaan gandoota baadiyyaa san keessa ture waggaa 20 oliif akka gibira hin gabbarre dhoorkame taa’aa ture. Waraqaa eenyummaatuu hin qabu.
2) Jalqaba bara 2019 dhiigni Oromoo itti kaffalamee “odoo daangaan Finfinnee fi Godina Addaa hin sararmne hin hiramu” jechuun Lammaa Magarsaa dhorkee ture. Koreen daangaa ijaarame ture Adde Mufariyaat Kamil, Xayyibaa Hasan, Taakkalaa Uumaa, Ahmed Tusaa ture. Koreen sun daangaa kana addas hin baafne hin gabaafne. Yeroo san gaaffii Jawar Mohammed dirree sani irratti argamuun Qeerroo waliin kaase, namni dhaqee hin galiin hin jenne. Garuu bulchiisi isaa Godina Addaa jala galuu qaba jedhe. Shiraa fi xaxaa sirna Finfinnee keessatti awwaalame sirriitti waan beekuufi. Dhiheenya kana Abiy Ahmad waa’een daangaa Finfinnee akka lammata ajandaa hin taane kara dabballoota isaa ajaja dabarsuu himaa turre.
3) Lafti kutaan magaalaa kun irratti ijaaramaa jiru kun lafa qotisaati ammaan tana. Qonnaan bulaa Oromootu qotata, gibira irraa fuudhuu didanis. Amma bulchiinsi itti dhaqee irraa godaanaaf jechuudha. Bulchiisa Magaalaa Galaan, Tullu Diimtuu kaasee hanga magaalaa Laga Xaafoo Yekkaa Abbaadootti diriira lafti kun. Lafa diriiraa lafa qotisaa cooma kana gurguranii irra qubachuuf itti fiigaa jiru. Lafa mana jireenyaa, daldalaa, business jechuun ormaaf shanashanuuf deemu. Maastar pilaanii dhiigaan dhaabne amma kunoo suutuma jedhanii qabataa jiru. Yaa Oromoo si afuufuun si liqimsuufi.
4) Kallattii bahaan weerarri lafaa eenyuun akka gaggeeffamaa jiru Finfinnee fi Naannoo Amaaraa walqunnamsiisuuf shira godhamaa jiru akka ta’e aangawoonni dhimmichi ilaallatu gabaasuu ni yaadanna.
5) Daangaan Finfinnee kan bara mootummaa ce’umsaa turetti deebi’uu qaba jechuun meeqatu itti wareegame. Bakkeewwan amma kutaa magaalaa Lammii Kuraa jedhamee mogga’e kuni hundi Naannoo Oromiyaa (Killil-4) jala ture yeroo mootummaa ce’umsaa. Amma gaaffiin Oromoo qara darbitee, caaseffamni haarayaan Oromoon lafa ofii irraa ittiin daran duguugamu as baatee jirti.
Duris kantiibaa maqaa Oromoon irra kaayanii lafa Oromoo saamanii saamsisaa turan. Daangaan Finfinnee fi Godina Addaa kan bara mootummaa Ce’umsaatti akka deebi’uu falmachaa turre. San deebisuun haa hafuu Maastarpilaanii dhiigaan dhaabne malaan deebisan. Oromoo, dhimma kana akka salphaatti hin laalin!
By: via Qerro Media Service - QMS
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Featured post
Ethiopia’s controversial quest for the sea
https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...
-
Has your daily walk become an endless trudge to nowhere? These podcasts, chosen by comedians, podcasters, Guardian writers and readers, are ...
-
The actor’s remarkable life fed into the character of Arlette in the Netflix hit, from growing up Jewish in occupied France, via Left Bank j...
-
They are benevolent vegetarian gods. They watch over, through shielded eyes, the very few animals that have a fringe. William Topaz McGonag...
No comments:
Post a Comment