Qerro Media Service - QMS's Post

Qabsoofnu hadheeffannee haa qabsoofnu!
===========
Yeroo ammaa kanatti, Jeneraal Biraanuu Julaanis, Dr Biraanuu Naggaanis dhimma isaanii bakkaan ga'uuf ibsa isaanii (kan gabaasa sobaa irratti hundaaye) nutti gadi diddigaat jiru.

Abbiyyis aangoo isaa irratti cichee (oduuu sobaatinis haa ta'uuyyuu malee) falmachaat jira.

TPLFs lola Abiyyin irratti labsamee jiru kana ofirraa ittisuf waan godhamuu qabu godhaat jiru.

Oromoon gama isaatin mirga fi haaqa isaatif hadheeffatee loluu qaba. Yeroon kun yeroo teenyee warra dhimma isaaniitif falmaa jiru itti hordofnuun miti.

Lolli har'a Tigray irratti labsame kun ganna lamaan darban kana keessatti kan Oromoo irratti labsamee turee dha. Abiy Oromoo fi saboota kibbaa adda addaa cabsuuf yaalee dadhabnaan amma fuula isaa gara Tigraayitti garagalche malee lolli isaa guddaan lola Oromoo irratti gaggeessu dha.

Kanaaf, lollu hadheeffannee haa lollu. Hogganoota keenya kan mana hidhaa jiranis ta'ee kan ala jiran haa tikfannu. PP ofirraa haa buqqisnu. Motummaa ce'umsaa Oromiyaa hatattamaan ijaarrachuuf ha tattaafannu. Oromoo fi Oromiyaa lola irratti banamee jalaa haa baraarru.

Qabsoo kaayyoo irratti xiyyeeffate gaggeessuun itti fufuu qaba.

#Hanga_Abbaa_biyyummaatti!!!
#Abiy_shorokeessaa_dha!
By: via Qerro Media Service - QMS

No comments:

Post a Comment

Featured post

Ethiopia’s controversial quest for the sea

https://ift.tt/4t29xJd Ethiopia is famously landlocked. That’s why the ambitious Ethiopian prime minister Abiy Ahmed has long harbored visi...